ONM-ABO Muddee 24, 2025
Ministirri Ittisaa Israa’el Israa’el Kaatz waraanni Israa’el gonkumaa guutummaatti Gaazaa keessaa akka hin baane fi kutaan waraanaa naannoo Falasxiin keessatti akka hundeeffamu dubbataniiru.
Kaatz Kibxata kaleessaa haasawa taasisaniin, karoorri nagaa Ameerikaan deggaramu kan Israa’el fi Hamaas Onkoloolessa keessa mallattaa’ee fi waraanni Israa’el guutummaatti akka bahu kan gaafatuu fi qubsumni siiviilii Israa’el naannoo sana keessatti deebi’ee akka hin hundeeffamne kan dhorku ta’us, humnoonni Israa’el guutuu Gaazaa keessatti bobba’anii akka itti fufan dubbataniiru.
”Gaazaa keessa gadi fageenyaan argamna, Gaazaa hunda keessaa gonkumaa hin baanu, nuti tiksuuf achi jirra” jedhan Kaatz.
“Yeroo isaa eeggatee, bakka qubsuma hundee irraa buqqifameetti buufataalee Nahal birgeediin loltoota miillaa Israa’el kaaba Gaazaa keessatti ni hundeessina,” jechuun Kaatz dabalaniiru, akka miidiyaaleen Israa’el ibsanitti.
Sa’aatii muraasa booda, ibsa afaan Ingiliffaatiin dhaabbata oduu Rooyitarsiif kenneen, kutaaleen Nahal Gaazaa keessa “sababaa nageenyaaf qofa” akka buufatan dubbataniiru. Miidiyaaleen Israa’el akka gabaasanitti, qondaaltonni Ameerikaa yaada jalqabaa Kaatz kennetti akka hin gammannee fi akka qulqullaa’uu gaafataniiru.
Kutaaleen Nahal ijaarsa waraanaa tajaajila siiviilii fi galmee waraanaa walitti fiduun seenaa keessatti hawaasa Israa’el uumuu keessatti gahee taphataniiru.
Kaatz kana kan dubbatan sirna West Baankii dhuunfatame keessatti qubsuma seeraan alaa Israa’el Beyit El keessatti manneen jireenyaa 1,200 raggaasifamuu isaanii kabaju irratti.
Babal’ina qubsumaa West Baankii irratti haasaa taasisaniin, Kaatz akka jedhanitti “Mootummaan Netaaniyaahuu mootummaa qubsumaati tarkaanfiif carraaqa. Yoo abbaa biyyummaa argachuu dandeenye abbaa biyyummaa ni fidna. Bara abbaa biyyummaa qabatamaa keessa jirra” jedhan jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

