Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el Ajaja lafa Kibba Gaazaa Kaan Yuunis keessa akka ba’an jiraattotaaf kenne 

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Waraanni Israa’el Sanbata  jiraattota Kibba Gaazaa Kaan Yuunis fi naannoo ishee keessatti argamaniif ajaja lafa sana gadhiisuu baase. Kunis erga dhukaasni achi irraa geggeeffameen booda.

“Waraanni Israa’el IDF fanaannoo sanatti humna guddaadhaan socho’aa jiru, akkasumas bakka rookkeettiin irraa darbatamu kamiyyuu irratti ciminaan ni rukutu,” jechuun dubbi himaan afaan Arabaa Avichaay Adrayee fuula X irratti dubbatan.

“Nageenya keessaniif, battalumatti gara dhihaatti ce’aa gara gaaddisa beekamtii qabu naannoo Al-Mawasii” jechuun dabalaniiru.

Sanbata kaleessaa ministirri ittisaa Israa’el Israa’el Kaatz waraanni haleellaa isaa  Gaazaa irratti babal’isuuf karoorfachuu isaa beeksisaniiru AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version