ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Aangaawonni bilxiginnaa hojii sirna gita bittootaa hordofuun lammiilee addaan baasuudhaan jeequmsaa fi walitti bu’iinsa gidduutti uumanii, olaantummaa saba Amaaraa mul’isuuf ilmaan Oromoof ilaalcha gaarii akka hin qabaanne saba Oromoo irratti gochoota raawwachaa jiraniin ifoomsaa jiru
Bifuma kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon sirna bilxiginnaan tumsamuun ajjeechaa hawaasa irratti waggoottan arfan darbanitti namoota kuma kurnootaan ajjeesuun kuma dhibbaan qe’ee irraa buqqisaa kan jiran Adooleessa 23, 2024 aanaa Abee Dongooroo ganda Laagee iddoo addaa Arjoo jedhamutti namoota shan halkan toora sa’a 7:00’tti manaa gadi baasuun ajjeesan.
Namoonni ajjeefaman kunneen barsiisaa maqaan isaa Taakkalee Goraash jedhamu dabalatee namoonni 4 kan maqaan nu hin geenye yoo ta’an, haadha tokko irratti ammoo addatti gochaa gara jabummaa bifa suukkanneessaan raawwachuun akka ajjeesan ifoomeera.
Bilxiginnaan bu’aa siyaasaa isaaf jecha maqaa saba Amaaraa eegna jedhuun lammiilee addaan qoqqoodee duula waraanaa kallattii adda addaan uummata irratti labsuun, Oromoon sabboonummaan akka hin jiraanneef qindoominaan hojjechaa akka jiranis itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

