Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti waraanni faashistii PP jiraattota irratti dhukaasa banuun saamicha raawwachuun ibsame

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Loltoonni bilxiginnaa afaaniin “nuti hawaasa keenyaaf dhaabbanna” jechaa hojiin isaanii ammoo kanaan faallaa, hawaasa irraa dhalatan irratti  naasuu tokko malee yakkoota garaagaraa raawwachaa oolu.

Adoolessa 24, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu keessatti loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa halkan keessaa sa’a 9:00’tti gandichatti bobba’anii hawaasa hirriba keessa jiru irratti dhukaasa banuun saamicha qabeenyaa guddaa    jiraattota irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeran.

Onichatti taateen kun murnoota badii kanaan yeroo gara yerootti irra deddeebiin raawwatamaa kan jiru ta’uun gandoota akka: Kephoo Dubbannaa, Caamman Jimaatee fi gandoota aanichaa biroo keessatti yeroo ammaa hawaasni sodaa nageenyaa hamaa keessa jiraachuu maddeen kun itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version