Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti hidhattoonni Amaaraa uummata Oromoo irratti dhukaasa banuun himame

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Yeroo adda addaatti hidhattoonni Amaaraa mootummaa garboomfataa PP ‘n hanga funyaaniitti hidhatan ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachuu  itti fufan.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessaa bakka addaa Cittuu Safaraa jedhamtutti Hagayya 25, 2024 naannoo sa’atii 3:00 irratti finxaaleeyyiin Amaaraa dargaggoota Oromoo midhaan eeguuf deemaa jiran irratti dhukaasa banuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, akka bineensonni midhaan jalaa hin nyaanneef achi bulanii eeguuf kan deeman irratti dhukaasa banuun ari’uu fi akka bineensi midhaan jalaa nyaatu gochuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan kun itti dabaluun ibsaniiru.

Gochoota finxaaleeyyiin Amaaraa Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran jabaachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version