ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa Oromoo dinagdeen dadhabsiisuun uummata Oromoo cabsanii Bilxiginnaaf jilbeenfachiisuuf bobbafamanii hiraarsaa ulfaataa geessisaa jiran namoota hojii qonnaa irratti bobba’anii jiraatan maqaa adda addaa itti maxxansuun aanaa Daaboo Haannaa gandoota akka: Caamman Bareedaa, Caamman Jimaatee, Ayinoo Gammoojjii fi Cooraa Kanaaboo jedhaman keessaaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun jiraattota eeggatanii ukkaamsaa waan jiraniif, hawaasni akka itti midhaan isaanii ittiin eeggatan dhabanii rakkachaa jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ergamtootni Abiy Ahimed kun daandii gubbaatti namoota gara ooyiruu isaaniitti galaa fi meeshaalee hojiif isaan fayyadu qabatanii deeman WBOf geessitu jechuun waan qabanii hidhaniif namootni akkaataa ittiin gara ooyiruu isaanii deeman dhabuun midhaan isaanii bineensi nyaachaa jiraachuun ibsamneera.
Aanicha keessatti, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun jiraattota yakkanii badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf ukkaamsuun hidhaatti darbachuu irraa eegalee hanga ajjeechaatti raawwachaa jiraachuu hordofee jiraattonni akka itti ba’anii galan dhabanii rakkataa jiraachuun dabalataan ifoomeera.

