ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Murni nama nyaataan imphaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti uummata nagaan dalagatee bulu maqaa ”Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhu itti maxxansuun reebicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa marartoo tokko malee irraan gahaa kan jiru yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cooraatti dargaggoota haala duraan barameen olitti hidhuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himameera.
Adoolessa 25, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:
- Biraanuu Caalii,
- Fedhasaa Mul’ataa,
- Abdii Yaadataa fi
- Waaqgaarii Abdiisaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an kan ammaaf maqaan isaanii adda hin baane danuun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf magaalaa Cooraa keessaa butamuun waajjira poolisii aanaa Cooraatti hidhamanii dararaa hamaa argaa jiraachuu maddeen keenya itti dhiyoo jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Aanicha keessaa dargaggoonni hedduun butamanii achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u hanga har’aatti maatiin dargaggoota isaanii iyyaafachaa akka jiran jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

