Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka jiraataniif hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha uummata Oromoo sobaan yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Aanaa Dhidheessaa ganda Dagaagaa jedhamu irraa Amajjii 1, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Mohaammad Ahimad,
  2. Abdallaa Adam,
  3. Muraad Ahimad,
  4. Abdurrumaan Yesuuf,
  5. Muhaammad Kadirii fi 

kanneen yeroof maqaan isaanii adda hin baane hedduu waajjira poolisii aanichaatti badii tokko malee hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun kan hidhan ta’uun eerameera.

Exit mobile version