ONM-ABO Amajjii 8, 2025
Murni abbaa irree Bilxiginnaa kufaatii dinagdee fi siyaasaa gama hundaan isa mudatee jiru jalaa of bararuuf jecha ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti hawaasa irratti bobbaasuun dararaa hamaa raawwachaa jira.
Aanaa Diggaa ganda Biqiltuu Guddinaa bakka addaa Shoolloo jedhamu keessatti loltoonni impaayerattii jaleewwan isaanii waliin Amajjii 1, 2024 jiraattota gandichaa irraa sababa tokko malee qarshii 3,000 hanga 10,000 dirqamaan saamaa turuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Jaleewwan kunneen guyyaadhuma kana namoota qarshii kana kaffaluu hin dandeenye ammoo konkolaataatti fe’uun gara ganda Jirmaatti geessanii namoota maqaan isaanii:
- Jamaal Ahimad Alii,
- Abdallaa Ahimad Alii,
- Mohaammad Abdoo,
- Abdallaa Ibiraahim,
- Jamaal Ahimad Alii jedhamanii fi
kanneen biroo baay’inaan 70 ol ta’an hidhaatti darbachuu itti dabaluun ibsaniiru.
Kana malees, bakkuma kana irraa guyyaadhuma kana Amajjii 1, 2025 nama Obsaa Mohaammad jedhamu irraa qarshii 8,000 saamuun reebicha hamaa irraan gahanii jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

