Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 26, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Jirma jedhamu keessatti loltoonni faashistii PP Adoolessa 16, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Naasir Abdallaa,
  2. Faamii Maammadii fi 
  3. Maammanuur Biraanuu 

jedhaman badii tokko malee namoota nagaa hojii idilee isaanii hojjetatanii bulan fedhii isaanii malee humnaan gara leenjii waraana Bilxiginnaatti ukkaamsanii geessuuf qabanii hidhaatti darbachuun, “gara leenjii waraanaa deemtu” jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota kana malee hawaasa hojii kana hin hojjennu jechuun didan kan lukkeelee Bilxiginnaan hanga yoonaatti achi buuteen isaanii hin beekamne biroon immoo namoota kanneen maqaan isaanii:

  1. Kadir Adamishoo fi 
  2. Maashoo Kadir ta’uu ifoomsaniiru.

Gareen faashistii PP dheebuu aangoo isaa hin baane barcuma siyaasa isaa jabeeffachuuf har’as lola lammiilee isaa waliin taasisaa jiruuf ilmaan uummataa sababa tokko malee humnaan qabee waraana taasisuun soora bineensaa taasisaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version