Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Cobiitti dararaan waraana faashistii PP’n adeemaa jiru jabaachuu jiraattonni ONM’tti himan

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Uummanni godina Lixa Shaggar onoota adda addaa keessa jiraatan miidhaa qabeenyaa isaanii fi manneen keessa jiraatan irratti gara jabeenya waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimed itti bobbaasaa jiruun raawwateen mancaatiin qabeenyaa uumamee hawaasni hubamaa jirra jedhan.

Waraanni bulchiinsa magaalotaa fi bakka qubsuma isaanii irraa maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman saamicha, namoota nagaa qabuun hidhuu fi manneen gubuu jabeessuu kan himan jiraattonni godina Lixa Shaggar aanaa Cobii, hiraarfama ulfaataa keessummeessaa jiraachuus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Akka jiraattonni aanaa Cobii irraa dubbisne himanitti, torban darbe keessa waraanni raayyaa ittisa imphaayerattii hedduuminaan mooraa sirnichaa keessaa miliquun WBO’tti dabalamnaan situ mooraa keenya keessaa baasee Waraana Bilisummaa Oromootti geessa jechuun, dargaggoo tokko ganda Diggoo Dachaa jedhamu irraa rasaasa itti roobsanii ajjeesaniiru.

Oduu hidhaatiin wal qabatuun ammoo namoota maqaan isaanii Obbo Lachiisaa Bokonnee fi shamarree Araaree Moosisaa jedhamtus lafa Qeerroo Bilisummaa Oromoo harkaa fuutee qotatte jechuun hiraarsaa kan turan ogguu ta’u, dabalataanis shamarran hedduu WBO waliin hariiroo qabdu jechuun hidhanii dararaa jiraachuun beekameera.

Waajjirri koominikeeshinii aanaa Haroo Limmuu immoo fuula miidiyaa hawaasaa irratti dhoobeen, “injifannoon cimee itti fufeera, finjaala  alaabaa ABO qabu qabanne” jechuun maqaa namoota kanaa injifannoo godhee dabaa fi qaanii isaa gabaafatee jira.

Exit mobile version