ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Murni Bilxiginnaa uummanni Oromoo eenyummaa ofiii isaatti boonee akka hin jiraanneef jibbiinsaa fi qoodiinsa sanyummaa impaayerattii keessatti facaasuun lola guutummaa Oromiyaatti banee maqaa hawaasichi hin qabneen yakkee hidhuu fi ajjeesuu jabeessee jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabaratitti maatiin qabsaa’otaa maqaa ilmaan keessan loltoota WBO’ti jedhuun waggootaa oliif manneen hidhaatti jumlaan guuramuun hiraarfama jabaa keessa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.
Namoonni hedduun kutaa haalaan dhiphootti hidhamuun dhukkuboota adda addaaf saaxilamaa kan jiran ogguu ta’u, keessattuu yaala fayyaa dhabuun cinaatti maallaqa ittin nyaata bitatan dhabanii kanneen beelaan lubbuun darbaa jiranis akka jiran beekameera.
Jiraattota hidhamanii jiran keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:
- Dargaggoo Asaffaa Gaddafaa ganda Yagoo irraa,
- Barattuu Baay’isee Ergee fi
- Zannaay Ergee obboleewwan lamaan dabalatee namoonni hedduun hiraarfamaa jiraachuun himameera.
Kana malees maqaa ilmaan keessan miseensa WBO’ti jedhuun manneen qonnaan bultoota lamaa ganda Erjaajoo keessaa Hagayya 24, 2024 ibidda itti shiduun guutummaatti qabeenyaa keessa jiru waliin kan guban yoo ta’u, namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunis maqaan isaanii: Obbo Bultoo Hirkoo fi Obbo Geetaachoo Mokonnon kan jedhaman akka ta’e ifoomeera.

