Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa -Sibuutti waraannii faashistii PP qabeenyaa hawaasaa saamuun namootas hidhaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Imphaayera Itiyoophiyaa keessatti sirnoonni dhufaa darbaan lafa Oromoo weeraraan qabatan irratti taayitaa erga jabeeffataniin booda dhiibbaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa,  ilaalchaa fi kanneen biroo saba Oromoo irratti uumuudhaan, dhiittaa mirga namoomaa raawwatu.

Cunqursaa fi hacuuccaan bara mootolii darbanii eegale, bara bulchiinsa sirna bilxiginnaa kanatti daran jabaachuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa- Sibuu ganda Giddaa Buundii jedhamutti waraanni bulchiinsa magaalaa Goorii irraa bobba’e Adooleessa 27, 2024 manneen hawaasaa caccabsuu fi qabeenya saamuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Namoonni waraana faashistii PP kanaan miidhaan irra ga’e maqaan isaanii: Obbo Irraandhufaa Baqqalaa jalaa mana puulii cabsuun yoo saaman, Faqqadaa Ijjiguu jalaa dukkaana, kaffaalee kan jedhamuu fi nama tokko kan maqaan isaa nu hin geenye tokkos manni isaa waraana Bilxiginnaan cabuun akka saamame ifoomeera.

Exit mobile version