ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Akkuma qabeenya uummata Oromoo maqaa qabeenya diinaa jedhuun saamuu fi mancaasuu karoora baafatanii jiran murni bilxiginnaa, ergamtoota isaanii hawaasa keessa bobbaasuun gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamne guyyuu hawaasa fayyaaleyyii hojii qonnaa hojjechuun ofii fi maatii isaa jiraachisan irratti raawwachaa oolu.
Haaluma kanaan aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo keessaa dargaggeessa waggaa 20 yeroo dheeraaf mana hidhaa turee ba’e Adoolessa 30, 2024 magaalaa Boolee keessatti maal barbaacha dhufte jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ibsan.
Namni kun nama umurii ijoollummaa mana hidhaa keessatti darbarse yoo ta’u, nama sabboonummaa qabu akkasumas, Oromummaa isaan boonuu fi hawaasa isaa keessatti jaallatamaa ta’e jechuun sababuma sabboonummaa isaa qofaaf akka ajjeesanis ibsan.
Kana malees Adoolessa 30, 2024 aanaa Martii ganda Bulgoota Baadiyyaa jedhamtu keessatti nama maqaa isaa Aliyyii Abduree jedhamu WBO wajjiin hariiroo qabda jedhanii qabuun hiraarsaa akka jiran dabaluun jiraattonni kunneen ibsaniiru.
Ganduma Wataroo Diinoo kana keessaa gaafuma Adoolessa 30, 2024 loltoonni sirnichaa nama maqaan isaa Jamaal Hawaasii jedhamu rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, maatii isaa jalaa sangoota qalatanii nyaachuun, qabeenyaa inni qabus jalaa saamuus dabaluun himaniiru.

