Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Benishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti waraanni maafiyaa PP, hojjettoota humna ibsaa magaalichaa guutummaatti hidhaatti darbachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 1, 2024

Lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne safuu, safeeffannaa fi seera malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun sobaan yakkanii  garmalee dararaa kan jiran yoo ta’u, gocha isaanii badii kana itti fufuun hidhaa jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, tiksitoonni imphaayera Itiyoophiyaa kanneen goonkumaa kabaja namummaa ilmaan namaaf hin qabne waraanni goolessituun raayyaa ittisa imphaayerattii jedhaman kun naannoo Benishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessaa hojjettoota humna ibsaa magaalichaa guutummaatti qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun  baramee jira.

Humna ibsaa magaalaa Asoosaa irraa yeroo yeroon baduuf jecha loltoonni sirnichaa hojjettoota humna ibsaa magaalichaa hundaan “isintu beekaa balleessaa jira ” jechuun hojjettoota hunda hoogganaa  hanga waardiyyaatti jumlaan qabanii mana hidhaatti  garmalee dararaa jiraachuu maddeen ibsan.

Akka maddeen keenya himanitti, murni aangoo of harkaa qabu qooda rakkoo hawaasaa dafee furuu qabu, loltoota isaa itti erguun hojjettoota humna ibsaa magaalichaa hunda sababa tokko malee yakkee hidhaatti darbatee jira jedhu.

Hojjettoota waajjira humna ibsaa magaalichaa keessatti saboonni garaa garaa keessatti kan argaman yoo ta’u addatti immoo Oromoo kan ta’an irratti xiyyeeffachuun manuma hidhichaa keessatti doorsisaa fi dararaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version