Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduutti namoonni nagaan maqaa hariiroo WBO qabduun hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Dhiibbaan siyaasaa fi maqa-balleessiin hawaasa Oromoo irratti lukkeelee bilxiginnaan adeemu gufuu hin buqqaane saba Oromootti ta’uun, guyyuu yakkoonni akka saamichaa, gubaatii manneenii, hidhaa fi ajjeechaa, raawwatu jabaatee itti fufeera.

Akkuma irra deddeebiin gabaasaa turre, hawaasni Oromoo godina Lixa Shaggar onoota adda addaa keessa jiraatan maqaa ilmaan keessan miseensota WBO’ti, daandii qajeelchitu, ni nyaachistu, odeessa kennituuf jedhuu fi  kanneen biroon waraana faashistii PP’n yakkamanii gochootni gara jabinaa irratti geggeefamaa akka jiru jiraattonni himan. 

Jiraattota aanaa Jalduu ganda  Jawwee Bonii kan ta’an namoota maqaan isaanii: Kumaa Daandanaa, Kumaa Tuujjoo, Bokii Fayisaa, Girmaa Giddisaa, Bashaanaa Guutamaa jedhaman dabalatee gandicha keessaa namota baay’inni isaanii 22 ta’an torban darbe waraana faashistii PP’n qabamanii magaalaa aanichaa Goojjootti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Exit mobile version