ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Murnoonni bilxiginnaa rakkoo keessoo isaaniitti uumamu dandamachuu dadhabuun walii isaaniitiin wal hidhaa, wal ajjeesaa fi garmalee dararaa hamaa walii isaanii irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Guutoo Giddaatti murnoonni bilxiginnaa walii isaaniitii wal dhabuun garmalee wal dararaa jiraachuun ifoomeera.
Akka namoonni keessa beekan himanitti, aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Halaltuutti walitti bu’iinsa kaadiroota mootummaa gidduutti uumameen faayidaa dhuunfaa isaaf jecha kantiibaan magaalaa Horroo Halaltuu namni maqaan isaa Malkaamuu Giddisaa jedhamu hojjetaama murna bilxiginnaa kan ta’e nama maqaan isaa Wandimmuu Bakaree jedhamu waliin walitti bu’uun kantiibaan magaalaa Horroo Halaltuu “ijaarsa dallaa mana barumsaaf” jechuun garshii kuma shantamii sadii saamuun faayidaa dhuunfaa isaa irra oolfachuu dubbatu.
Kantiibaan magaalichaa kun, Hagayya 1, 2024 uffata gargaarsaa karaa buusaa gonofaa namoota hundaaf dhufe maatii fi firoota isaaf qofaaf raabsuun kan hafe immoo gurgurachuu isaa maddeen gabaasan, akkasumas yeroo ammaa kana uummata magaalichaa garmalee dararaa jiraachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

