ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Mootummaan garboomfataan imphaayera Itiyoophiyaa sirna imaammata barnoota abbaa irree Dargii hordofuun sabaa fi sablammoota biyyattii irratti miidhaa ulfaataa ta’e raawwataa jiraachuun isaa ni beekama.
Haaluma kanaan, yuunivarsitii Kotobeetti barattoonni bakkeewwan adda addaa irraa leenjiif kanneen waamaman mootummaa nama nyaataa imphaayera Itiyoophiyaa irratti hokkora kaasuun dhagaa’amee jira.
Barsiisonni kutaalee imphaayerattii adda addaa irraa leenjii barnootaaf jecha Yuunivarsitii Kotobee galanii leenji’aa jiran “durgoon nuuf haa kaffalamu” jechuun Hagayya 5, 2024 mooraa yuunivarsitichaa keessatti hiriira geggeessaa turuu isaanii maddeen keenya eeran.
Hiriira geggeeffame kana irratti barsiisonni dhaadannoo adda addaa diddaa mootummaa gabroomfataa PP irratti qaban dhageessifachuun “hanga durgoon nuuf kaffalamutti, daree hin seennu” jechuun dhaadannoo dhageessisaa turuu isaanii dubbatu.
Ministeerri barnootaa imphaayerattii Biraanuu Naggaa deebiin inni isaaniif kenne “durgoon isiniif kaffalamu hin jiru; yoo barbaaddan taa’aa leenji’aa. Yoo leenji’uu hin barbaanne immoo bahuu ni dandeessu” jechuun deebii isaaniif kennee ba’uu isaa barsiisonni leenjiif yuunivarsitii sana deeman itti dabaluun ibsan.
Kana malees, barsiisonni leenjii kana fudhachuu hin dandeenye hojii barsiisummaa isaanii itti hin fufu kan hin dandeenye ta’uu ministeerri barnootaa impaayerattii Biraanuu Naggaa dubbatee jiraachuu barsiisonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

