ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa qonnaan bultoota Oromoo irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamuun magaalaa keessaa akka kubbaatti uummata dhiitaa baadiyyaatii ammoo, sobaan yakkanii hawaasa nagaa ukkaamsuun hidhanii achi buutee dhabamsiisuun, rakkoolee adda addaa ilmaan namootaa irra ga’anii hin beekne hunda ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti loltoonni imphaayera itiyoophiyaa dubartoota hidhuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.
Ganda Meexxii Haroo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 5, 2024 shamarree maqaan ishee Gurgudee Katamaa jedhamtu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeranii jiru.

