Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti kaabinoonni fi miliishonni wal ta’uun saamicha raawwachaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 11, 2024 

Guutuu Oromiyaa keessatti waraanni sirnichaa jeequmsa kaasuun maqaa adda addaa ummatatti maxxansuun hidhaa, saamaa fi ajjeesaa jiraachuun tooftaa ittiin uummata dadhabsiisan godhatanii  fayyadamaa jiraachuun guyyaarraa guyyaatti qe’ee ilmaan Oromoo duguugaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti uummata gidirsuu hammeessuun torbee darberraa kaasuun deggarsa miliishaa jechuun qarshii 200 maatii hundarraa akka sassaabamu uummatatti murteessuun namoota mana kireeffatanii jiraatanillee dabalachuun akka kaffalan Guyyaa jedhamee hanga Hagayya 10, 2024’tti isin eegna guyyaa jedhame yoo darbe dachaa kaffaltu qarshii 400 jechuun uummata harka qalleessa yaaddessuun doorsisaa turan.

Akka jiraataan magaalaa Najjoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhetti, kan deggarsa milishaa jedhanii nurraa sassaabaa jiran malee baasii addaa addaa nutti heddummeessuun, waraqaa eenyuummeessaa haaraas baafadhaa jechuun maallaqa guuruuf akka jiran wal ga’ii Hagayya 8, 2024 teessisan irratti kaasaa turuus jiraataan kun dubbata.

Exit mobile version