Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuutti waraanni faashistii PP walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesuu fi namoota nagaas hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 10, 2024 

Waraanni faashistii PP teessuma aangoo sirna tokkoo eeguuf jecha ajaja angaa’onni sirna bilxiginnaa dhimma dinagdee, dhimma amantii, dhimma afaanii fi siyaasa isaanii bakka tokkotti walitti qabuudhaan to’atanii bulchuuf guyyuu tarsiimoo baasaa oolaniin mooraan sirnichaa walii galtee dhabuun raafama hamaa keessa jiraachuun ni beekama

Bifuma kanaanis Hagayya 8, 2024 godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Goorii keessatti waraanni faashistii PP halkan irraa toora sa’a 2:20’tti dhukaasa walitti bananiin yeroo dheeraaf magaalaa goolaa kan turanii fi wal irraas hedduu ajjeesuu fi madeessuun ifoomeera. 

Dhukaasa sa’a tokkoo oliif erga taasisaniis magaalaa keessatti bobbaa’anii hawaasa reebaa Kan turan yommuu ta’u yeroo ammaas shakkii guddaan qaamolee waraanaa fi kaadiroota gidduutti  uumamee akka jirus ifoomeera.

Kana malees kaleessa jechuun Hagayya 9, 2024 dargaggoota magaalaa keessa deeman jumlaan  qabuun hidhaa turuun kan himamu yoo ta’u, namoota muraasa maqaan isaanii nu ga’e; Obsii Boochee Nagumaa fi Gammachiis Imaanaa kanneen jedhaman isaan keessatti aka argaman beekameera.

Exit mobile version