Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hooggantoonni Awurooppaa dubbii Baha Giddu Galeessaatti hammaachaa jiru irratti of qabuu gaafatan

ONM-ABO Hagayya 13, 2024 

Faransaay, Jarmanii fi Yunaayitid Kingidam ajjeechaa dhiheenya kana miseensota olaanoo Hamaas fi Hizbullaa irratti raawwatameef haaloo ba’uuf Iraan fi michoonni ishee Israa’el irratti haleellaa taasisuuf yaadan irraa akka of qusatan gaafataniiru.

Hooggantoonni biyyoota Awurooppaa sadan ibsa waloo Wiixata kaleessaa baasaniin, Baha Giddu Galeessaa keessatti “hammeenyi fi tasgabbii naannoo” akkasumas dhukaasni hatattamaan akka dhaabbatu gaafataniiru.

Yaaddoon addunyaa waraanni Gaazaa gara waldhabdee naannoo hunda galeessa ta’etti guddata jedhu ajjeechaa namoota lamaan Iraan waliin hidhata qaban lamaan ji’a darbe raawwatameen booda dachaan dabaleera.

Waamichi ariifachiisaa of qabuu dabalaa dhufus, Israa’el Gaazaa irratti boombii dhoosuu itti fuftee waan jirtuuf, gama lachuuf doorsisa kennuu itti fufaniiru. Gama biraatiin ammoo diinummaan sadarkaa gadi aanaa daangaa Israa’elii fi Libaanos qaxxaamuree itti fufee jira.

“Iraanii fi michoonni ishee haleellaa waldhabdee naannoo daran hammeessuu fi carraa dhukaasa dhaabuu fi booji’amtootni gadhiifamuu irratti walii galuu balaadhaaf saaxilu irraa akka of qusatan gaafanna,” jechuun ibsi pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Chaansilara Jarman Olaf Iskoolz  fi Ministira Muummee Biriteen Keeyir Istaermer mallatteessan  dubbifameera 

Sadan isaaniis dhiibbaa yeroo dhiyoo Ameerikaa, Kaataar fi Masriin waldhabdee Israa’elii fi Hamaas ji’oota 10f ture furuuf waliigaltee mariisisaa ta’uuf taasisan raggaasisaniiru.

“Lolli amma xumuramuu qaba, booji’amtoonni ammallee Hamaasiin hidhaman hundi gadhiifamuu qabu,” jechuun ibsichi itti fufeera. “Ummanni Gaazaa gargaarsa hatattamaa fi daangaa malee geejjibsiisuu fi raabsuu barbaada”jedhan.

Kanuma waliin US cinatti biyyoonni Awurooppaa sadanuu meeshaa waraanaa gara Israa’elitti erguu itti fufaniiru. Haa ta’u malee mootummaan haaraan UK gamaaggama waan gaggeessuuf hayyama al-ergii haaraa bu’a qabeessa ta’een akka addaan kute gabaafameera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

Exit mobile version