ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025
Israa’el Dilbata darbe magaalaa guddoo Teehiraan irratti kan xiyyeeffatte yoo ta’u, kunis erga Muumichi Ministeeraa Israa’el Benjamin Netanyahu Iraan namoota nagaa ajjeesuu isheetiin “gatii baay’ee ulfaataa” akka kaffaltu dhaadatanii booda guyyaa sadaffaaf tarkaanfii cimaa fudhatte.
Iraan osoo hin eegin, Israa’el rukuttaa waan itti fufteef, namoota nagaaf bakka boombii yeroof ta’u itti dheessaniif akka tajaajiluuf masjiidota, buufata fi manneen barnootaa banuun akka jalqabu dubbatteetti.
Waggoota kurnan lamaan darbaniif diinummaa fi waraana bakka bu’ummaan booda, waldhabdeen yeroo dhiyootti uumame yeroo jalqabaatiif diinonni lamaan cimina akkasiitiin tarkaanfii wal irratti fudhachuun, sodaa waldhabdee yeroo dheeraa kan guutummaa Baha Giddu Galeessaa liqimsuu danda’u kakaasa jedhamee eegamaa jira.
Israa’el bakka Rippabiliika Islaamaa guutuu irratti xiyyeeffachuu yoo itti fuftu, Iraan ammoo misaa’ela haaraa Dilbata waaree booda Israa’el irratti furguggifteetti.
Jalqaba Dilbataa Neetaaniyaahuun Iraan naannoo siiviilii irratti xiyyeeffachuu ishee balaaleffataniiru.
“Iraan ajjeechaa namoota nagaa, dubartootaa fi daa’immanii dursee yaadameef gatii baay’ee ulfaataa ta’e ni kaffalti,” jedhan Netaaniyaahuun bakka haleellaa misaa’ela gamoo mana jireenyaa qarqara galaanaa Bat Yam, naannoo Tel Aviv irratti raawwatame daawwatanitti.
Dubbiin erga ka’ee tarkaanfii Iraan Israa’el irratti haaloo ba’uuf jalqabdeen Jimaata irraa eegalee namootni 13 yoo du’an 380 mada’aniiru.
Miidiyaaleen Iraan ministeera fayyaa wabeeffachuun, yoo xiqqaate 128 haleellaa Israa’eliin Jimaataa hanga Dilbataatti ajjeefamuu fi dubartootaa fi daa’imman dabalatee, namootnk 900n akka madaa’an gabaafamuu Rooyiters ibseera.

