Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el fi Iraan tarkaanfii waraanaa wal irratti fudhachuun torban lammaffaa keessa kan seenan yoo ta’u, Awurooppaan dippilomaasiif dhiibaa jiru

ONM-ABO Waxabajji 20, 2025 

Waraana Israa’elii fi Iraan Jimaata har’aa torban lammaffaa kan seenan yoo ta’u, qondaaltonni Awurooppaa Teehiraaniin gara minjaala mariitti deebisuuf yaalaa jiru. Kunis erga prezidaant Doonaald Traamp torban lama keessatti murteen hirmaannaa Ameerikaa ta’uu danda’u kamiyyuu ni kennama jedhan booda.

Israa’el Jimaata darbe Iraan haleeluu kan jalqabde yoo ta’u, diinni ishee yeroo dheeraa meeshaa niwukilaraa akka hin qabaanneef kaayyeffate jechuun duula kana himti. Iraan Israa’el irratti misaa’elaa fi dirooniin tarkaanfii fudhachuun haaloo baate. Sagantaan niwukilaraa kan Ameerikaa, Israa’el fi biyyootni dhihaa morman Iraan garuu  nagaa ta’uu dubbatti

Haleellaan qilleensaa Israa’el Iraan keessatti namoota 639 ajjeeseera jedha dhaabbati oduu falmitoota mirga namoomaa. Kanneen ajjeefaman ammoo saayintistoota olaanoo waraanaa fi niwukilaraa dabalata. Israa’el yoo xiqqaate namoota nagaan ishee kurnan lama haleellaa misaa’ela Iraaniin du’uu dubbatteetti. Rooyitars of danda’ee lakkoofsa du’aa gama lamaaniin mirkaneessuu hin dandeenye.

Israa’el iddoowwan niwukilaraa fi dandeettii misaa’elaa irratti kan xiyyeeffate guyyaa har’aa tarkaanfii kan fudhatte yoo ta’u, mootummaa hogganaa olaanaa Ayatolaa Ali Kameenii caccabsuuf yaaltee jirti jedha qondaaltonni warra dhihaa fi naannoo.

Iraan gama isheen tarkaanfii deebii Israa’el irratti fudhatteen magaalaa kibbaa Beershebaa keessatti balaan ibiddaa ka’uu CNN gabaaseera.

Jimaata har’aa barii waraanni Israa’el misaa’eloonni Iraan irraa akka dhufan akeekkachiisa haaraa kenneera. Yoo xiqqaate tokko magaalaa kibbaa guddittii Israa’el, kan guyyoota darban keessa irratti xiyyeeffate Beersheba keessatti kallattiin dhiibbaa uumeera.

Kun kanaan osoo jiruu Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa kudhanootaan lakkaa’aman buufata guddaa Ameerikaa Kaataar Tarmaak keessa akka hin jirre himameera. Akka suuraan saatalaayitii agarsiisutti balaa haleellaa Iraan irraa dhufu irraa bilisa gochuuf sochii taasifame ta’uu danda’a kan jedhan namootni dhimma kana hordofan, sababiin isaas Waashingitan waldhabdee Teehiraan fi Israa’el waliin qabdu keessa seenuu fi dhiisuu ishee irratti madaalaa jirti jedhama.

Xiyyaaronni waraanaa gara 40 ta’an – xiyyaarota geejjibaa akka Herkulas C-130 fi Riikonnayisans dabalatee – taarmak buufata Al-Yudeyid irraa Waxabajjii 5 akka kaafaman suuraan Planet Labs PBC’n maxxansee fi AFP’n xiinxalame ni mul’isa.

Exit mobile version