ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 32 kan ajjeefaman yoo ta’u, kunis Onkoloolessa 7 darbe irraa eegalee lakkoofsi namoota du’anii waliigalaa gara 39,929’tti ol gudditeera jechuun Ministeerri Fayyaa naannoo sana jiru Kibxata kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa kanaan namoonni gara 92,240 ta’an madaa’uu ifoomseera.
“Humnoonni Israa’el sa’aatii 24 darban keessatti ‘ajjeechaa’ maatii irratti raawwatameen namoota 32 galaafachuun, 88 ammoo madaa’aniiru,” jedha ministeerichi.
“Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jechuun dabalee ibseera.
Murtee Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu cabsuun Israa’el erga Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa gareen Falasxiin Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwatte itti fuftee jirtuun balaaleffannaan idil-addunyaa ishee mudateera.
Waraana Israa’el geggeessaa jirtuun ji’oota kudhanii oliif, lafti bal’aan Gaazaa uggura nyaataa, bishaan qulqulluu fi qorichaa gidduutti diigamee jira.
Israa’el Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti duguuggaa sanyiitiin kan himatamtee yoo ta’u, kunis Teel Aviiv magaalaa kibba Raafaa keessatti hojii waraanaa ishee hatattamaan akka dhaabdu ajajee ture. Bakki kun lafa Falasxiinonni miliyoona tokkoo ol ta’an Caamsaa 6 Israa’eliin weeraramuun dura irra jiraachaa turanii dha.

