ONM-ABO Amajjii 12, 2025
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 32 kan ajjeefaman yoo ta’u, walumaa galatti lakkoofsi namoota du’anii Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee 46,537 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sana jiru Sanbata kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni 109,571 ta’an madaa’uu ibseera.
“Humnoonni Israa’el sa’aatii 48 darban keessatti ajjeechaa Falasxiinota irratti raawwateen namoota 32 ajjeesuu fi 193 madeessuu” ministeerichi ibseera.
Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.
Ministeerri Fayyaa odeeffannoo Sanbata kaleessaa akka ibsetti, lammiileen Falasxiin dabalataa 499, kanneen maqaan isaanii koree ministeericha dhimmi ilaallatuun galmaa’ee fi mirkanaa’e, lakkoofsa waliigalaa namoota du’anii irratti dabalamuun, waliigalatti 46,537 gaheera.
Israa’el murtiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu gaafatus Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee waraana duguuggaa sanyii Gaazaa irratti geggeessitu itti fufteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

