ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Haleellaa Israa’eliin Gaazaa irratti raawwatameen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 28 kan ajjeefaman yoo ta’u, walumaa galatti lakkoofsi namoota du’anii Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee 45,581 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sana jiru Kamisa kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 108,438 madaa’uu ibseera.
“Humnoonni Israa’el sa’aatii 24 darban keessatti ajjeechaa raawwataniin namoota 28 ajjeesuun 59 madeessaniruu” jedheera ministeerichi.
Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.
Israa’el murtiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatus, erga haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatameen booda waraana duguuggaa sanyii Gaazaa irratti itti fufteetti.
Duguuggaan sanyii Gaazaatti waggaa lammaffaan balaaleffannaa idil-addunyaa guddachaa dhufeera, qondaaltonni fi dhaabbileen haleellaa fi geejjibni gargaarsaa ugguruu itti yaadanii ummata tokko balleessuuf yaaliin godhame jedhanii waamu.
Ji’a Adoolessaa keessa Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa duraanii Yo’av Gaalant yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti Gaazaa keessatti raawwatameef ajaja hidhaa baasee ture jechuun Rooyiters gabaase.

