Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el lammiilee Gaazaa dabalataa 28 ajjeesuun lakkoofsi namoota du’anii 43,700 caale 

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Sa’atii 24 darban keessatti haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 28 kan ajjeefaman yoo ta’u, ji’oota 13 duraa kaasee lakkoofsi namoota du’anii waliigalaa 43,764 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sanatti argamu Jimaata kaleessaa ibseera.

Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 103,490 ta’anis madaa’uu ibseera.

Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.

Murtee Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu cabsitee, Israa’el erga haleellaa gareen Falasxiin Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatameen booda haleellaa àqq¾gara jabinaa Gaazaa irratti raawwatte itti fufteetti.

Weerarri Israa’el kun uggura itti fufee jiruun hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha hamaa ta’e uumeen ummata naannoo sanaa hunda jechuun ni danda’ama buqqisee jira jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version