Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Israa’el lammiilee Gaazaa dabalataa 84 ajjeesuun lakkoofsi namoota du’anii 42,600 ol ta’e

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024

Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 84 kan ajjeefaman yoo ta’u, bara darbe irraa eegalee lakkoofsi namoota du’anii waliigalaa 42,603 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sana jiru Dilbata kaleessaa ibseera.

Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 99,795 madaa’uu ibseera.

Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.

Murtee Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatu cabsitee, Israa’el erga haleellaa garee Falasxiin Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatameen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwattu itti fufteetti.

Weerarri Israa’el kun uggura itti fufee jiruun hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha hamaa ta’e uumeen ummata naannoo sanaa hunda jechuun ni danda’ama buqqisee jira.

Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana kana dhaabuu diduu isaaniitiin walqabatee waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiirraa Gaazaa irra ga’uuf tattaaffiin gidduu seentummaa US, Masrii fi Kaatariin durfamu fashalaa’eera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Exit mobile version