ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Oromiyaa dirree saamichaa taasifachuun murni bilxiginnaa lafa socho’an cufatti qabeenyaa hawaasaa maqaa adda addaa itti moggaasuun dafqa isaanii waggootaaf itti cobsanii horatan loltoonni sabaaf dhaabbbanna jedhan guyyaa tokkotti harka qullaatti hambisaa jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii iddoo addaa Imalaa jedhamu keessaa Hagayya 13, 2024 hidhattoonni sirnichaa magaalaa Bonii buufatanii jiran gara bakka sanaatti imaluun qabeenyaa uummataa saamuu jiraattonni himan.
Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen maqaan isaanii Baqqalaa Gabbisaa jalaa horii lama (2), Nugusee Suyyum jalaa horii sadii (3), Mulinaa Lammaa jalaa horii sadii (3) fi Hayilee Xaafaa jalaa Hoolaa shan (5) saamanii magaalaa Boniitti dabaree dabaree qalachaa jiraachuu jiraattonni himan.
Akka Jiraattonni gandichaa jedhanitti namoonni kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan ta’uu himuun, loltoonni kunneenis kaayyoo saamichaa waan qabanii fi nama isaan hoogganu waan hin qabneef callisanii dafqa haadha hiyyeessaa saamaa jirus jedhaniiru.

