Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti maanguddoon tokko waraana garboomfataa PP’n ajjeefame

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Uummanni Oromoo erga gadaan isaa habashootaan cabuun sirna koloniitti kufee kaasee daa’imman ol adeemoo, dargaggoota abdii biyyaa fi maanguddoota barsiisaa dhalootaa ta’an guyyaa guyyaan dhabaaa kan jiru yoo ta’u, keessattuu erga sirni bilxiginnaa aangootti dhufee as ifaan ifaatti duguuggaan sanyii hamaan saba Oromoo irratti labsamee jira.

Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Abootee Qarsaa jedhamutti jaarsa biyyaa yakka irraa bilisa ta’e waraanni nama nyaataan PP badii tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti Hagayya 12, 2024 gara jabummaa hamaan ajjeesanii jiru.

Maanguddoon ajjeefame kun nama maqaan isaa obbo  Shundaa Gabbisaa Gussaa jedhamu yoo ta’u, mana isaatii qabamee rasaasaan ajjeefamuun barameera.

Obbo Shundaan abbaa maatii ilmaan 7 fi haadha warraa lama nama qabuudha, akkasumas, jaarsa biyyaa hawaasa keessa jiraatuuf jaalalaa fi kabaja guddaa nama qabu akka ta’e jiraattonni kan himan, shakkii hariiroo WBO qabdaanis akka ajjeesan ifoomsaniiru. 

Sirni badiif qarree kufaatii irra ga’ee jiru bilxiginnaan abdii kutannaa keessa erga galee kaasee yakkoota farra dhala namaa hojjechuu itti fufuun qe’een namoota hedduu golgolaa’eera.

Exit mobile version