ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Gidiraa uummanni Oromoo impaayerattii keessatti argaa jiru gurraan dhaga’uuf kan nama suukkanneessu yoo ta’u, itti fufuun hawaasni baroota dheeraaf horsiisa loonii, qonnaa fi oomisha adda addaa hojjechuun maatii isaanii jiraachisan har’a garuu nyaatanii buluun itti ulfaatee qaala’iinsa jireenyaan osoo hiraarfamaa jiranii dabalataan waraanni faashistii PP itti bobba’uun qe’ee isaanii irratti adamsuun hidhanii rakkoo dinagdee, hawaasummaa fi qorqalbii irratti uumaa jiru.
Bifuma kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaatti waraanni faashistii PP ji’oota lamaan darban keessa gara ganda Waamaa Siifaa jedhamutti sochii maqaa sakattaa WBO’n taasisan irratti waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii hadhaawwaa irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabuu hordofee gara jabeeyyiin bilxiginnaa ammoo waraana keenya WBO’n ajjeese irraa meeshaa hiiktanii WBO’f geessitan jechuun namoota jumlaan hidhanii hiraarsaa akka jiran beekameera.
Namoonni yakka isaanii malee ganda Waamaa Siifaa irraa hidhaman danuu yoo ta’an muraasni maqaan nu ga’es; Alamaayyoo Haayiluu, Waaqumaa Ayyalee, Abarraa Haayiluu, Haayiluu Tolasaa fi kannen biroon haala hamaa ta’een bulchiinsa magaalichaatti hidhamanii hiraarfamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

