Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa  Tokkee Kuttaayyee keessatti maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun dubartii tokko yeroo dheeraaf hidhanii dararaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Seera barreeffamaan jiru keessatti namni tokko waggaa kudha saddeet ol darbee jennaan maatiin itti gaafatama isaa kan hin fudhanne jechuun kan beekamu, ta’us faallaa kanaa har’a imphaayerri Itiyoophiyaa gaafatama ilmaanii gara maatiitti deebisuun dararaa hamaa ta’e irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Gudar keessatti maqaa ilmaan keetu WBO keessa jira jedhuun maanguddoo haadha ijoollee hedduu kan taate Aadde Guddisee Hirkisaa kan jedhaman gaaffii seeraa tokko malee baatii 4 oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan. 

Akka Jiraattonni jedhanitti hanga yoonaatti waanti ittiin jedhame osoo hin jiraatin waajjira poolisii magaalaa Gudaritti rakkisaa jiraachuu  jiraattonni addeessan.

Gochi badaan maanguddoo waa’ee siyaasa kamii keessaa hin qabnee fi hirmaattuu hin taane, waan miixattee deessee guddifatte qofaaf doorsisuun hiraarsaa kan jiran ta’uu himuun, gochi ishee irratti raawwachaa jiranis faallaa mirga namoomaa fi heera biyya tokkooti jechuun dubbataniiru.

Exit mobile version