ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Kaabinoonni bilxiginnaa akkuma ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachuun hiraarsaa oolan, walii isaaniitii illee wal irratti duuluun wal dararanii akka sareetti wal nyaachaa kan jiran ta’uun beekameera.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti kaabinoonni PP faayidaa dhuunfaa irratti waldhabuun maqaa siyaasaa da’oo godhachuun walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun ifoomee jira.
Kaabinoonni PP ilmaan hiyyeessaa saamanii boossisuun giiphii isaanii kan furdifatan yoo ta’u, aanaa Cawwaaqaatti kantiibaan magaalaa Coqorsaa namni maqaan isaa Aliyyii Abdallaa jedhamu saamicha hawaasa irratti geggeessaa tureen doqdoqqee 3 bitachuun qarshii hedduun immoo dabtara qusannoo isaarraa waan argameef qabamee hidhaatti darbatamuu isaa jiraattonni magaalichaa eeran.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, namni Aliyyii jedhamu kun uummata irraa sababoota adda addaa itti dhahuun maallaqa hangi isaa hin beekamne kaabinootuma waliin saamaa akka ture himuun innis waan saame kana fakkaattoota isaaf waa qooduu irratti anatu caalmaa fudhataa irratti waan wal dhabaniif akka hidhan dubbatu.
Itti dabaluun akka magaalichaatti uummata irraa maqaa bu’uuraalee misoomaa isiniif galchina jedhuun yeroo irraa gara yerootti saamaa turuun hanga ammaatti waanti uummataaf hojjetame akka hin jirre addeessaniiru.

