ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo yakkuun qabanii mana hidhaatti darbachuun qarshii hedduu gaafataa fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, magaalaa Dukam irraa dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti guuruun qarshii hedduu gaafataa jiraachuun isaanii eeramee jira.
Ji’oota hedduuf qabanii waajjira poolisii magaalichaatti kan hidhan nama maqaan isaa Darajjee Addunyaa jedhamu qarshii 500,000 gaafachuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Akka maddeen jedhanitti, “dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun magaalichatti dararaa hamaa argaa kan jiran ta’uun dargaggoo kana irraa qarshii 20,000 fudhatanii nyaachuun gadhiisuu didanii amma immoo qarshii 500,000 akka kaffaluuf gaafachuu isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akkuma guutuu Oromiyaatti dinagdee isaan harkatti kufe deebisanii ijaarrachuu fi bulchiinsa laamsha’etti fayyadamuun dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf murni bilxiginnaa tooftaa saamichaa baafatanii namoota nagaa maqaa siyaasaan walitti hidhuun qabanii maallaaqa namootni hin qabne gaafachaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

