Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee magaalaa Cirootti loltoonni faashistii PP hidhamtoota maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo yakkuun qabanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafataa kan jiranii fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, magaalaa Ciroo irraa loltoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii qabuun hidhaatti guuruun boodarra ammoo qarshii hedduu gaafataa jiraachuun isaanii eeramee jira.

Ji’oota hedduuf hidhanii waajjira poolisii magaalichaatti  namoota lakkoofsaan hedduu ta’an qarshii guddaa gaafachuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan ONM’tti himan.

Akka namootni kun jedhanitti, “dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun magaalichatti dararaa hamaa argaa kan jiran yoo ta’u namoota hedduu irraa qarshii 50,000 ol fudhatanii nyaachuun gadhiisaa jiraachuu fi namootni baay’een qarshii humnaa olii gaafataman kaffaluu dadhabuun mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Itti dabaluunis murni bilxiginnaa dinagdee isaan harkatti kufe ittiin ol qabachuuf jecha tooftaa saamichaa kana baafatanii uummata nagaa maqaa isaan hin qabnee fi hin beekneen yakkanii saamaa jirus jedhaniiru. 

Exit mobile version