Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Magaalaa Adaamaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruun qarshii hedduu irraa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 10, 2024 

Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo sobaan yakkuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii qarshii hedduu gaafataa kan jiranii fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Magaalaa Adaamaa keessaa dargaggoo maqaan isaa  Ibraahim Mahaammad jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii “si ajjeefna” jedhanii doorsisuun qarshii 50,000 irraa fudhatanii  gargar qooddatanii jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun jiraataa godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa kan ta’ee fi guyyoota 21’f waajjira poolisii magaalaa Adaamaatti dararamaa turuun torban darbe keessa qarshii 50,000 kaffalee mana hidhaa keessaa kan gadi lakkifame ta’uun barameera.

Exit mobile version