Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Magaalaa Adaamaa keessatti jaabinoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo lafa isaanii irraa buqqisanii abbootii qabeenyaatti gurgurachaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Boolee aanaa Gooroo Zoonii Dhaddacha Milkii jedhamu keessatti kaabinoonni PP walii galuun sobanii “lafa Waldaatii gadi lakkisaa” jechuun uummata Oromoo lafa isaanii irraa buqqisanii qarshii gurguddaan abbootii qabeenyaatti dabarsanii gurgurachaa kan jiran ta’uu jiraattonni gochi dabaan kun irratti raawwate Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gurraandhala 23, 2025 hoogganaa bulchiinsaa fi nageenyaa aanichaa kan ta’e namni maqaan isaa Fayyisaa jedhamu ammoo addatti qofaa isaa baajaajii nama dhuunfaa dirqamaan yaabatee dhaquun guyyaa saafaa lafa uummataa keessa dhaabbatee gurgurachaa kan turee fi armaan duras lafa namoota hedduu aangoo isaatti fayyadamuun gurguratee dantaa dhuunfaa isaaf oolfachaa turuun cinatti, hedduu isaa ammoo dhoksee dallaa itti ijaarrachuun maqaa isaa fi kan firoottan isaan qabatee jiraachuun ifoomeera.

Kana malees Uummata Oromoo gidduutti qoodiinsa facaasuun ilmaan abbaa tokkoo kutaa fi amantaan adda qoqqoodanii gidduu isaaniitti hokkora uumuuf hojjechaa akka jiranis jiraattonni nuti dubbisne itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version