ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate hunda hojjechuun jaleewwan isaanii bobbaasanii hawaasa irraa dhalatan hunda xiqqaa hanga guddaatti maqaa adda addaan yakkuun dararaa hamaa irraan gahaa jiru.
Aanaa Dadaritti bulchaa aanichaa kan ta’e namni maqaan isaa Abdii Bakaree jedhamu hawaasa aanichaa garmalee reebsisuu, saamsisuu, hiisisuu, ajjeesisuu fi achi buutee dhabamsiisuun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiru ta’uu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM’tti himan.
Kaabineen PP kun, yeroo bulchaa araddaa turetti qabeenya hawaasaa saamuun mana jireenyaa ijaarratee kan jiruu fi dhalootaan aanaadhuma kana araddaa Ifa Baas bakka addaa Bassullee kan ta’e yoo ta’u, hawaasa keessatti dhalate deebi’ee dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuun isaa ifoomee jira.
Kana malees, kaabineen kun jiraattota harka qalleeyyii ta’an lafa isaanii irraa humnaan ari’uun abbootii qabeenyaatti gurgurachaa kan turee fi haadha hiyyeessaa boossisee saamuu, dargaggootaa fi shamarran ukkaamsuun adda durummaan nama gara mooraa leenjiitti guuraa ture ta’uun dabalataan ibsameera.

