Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Bulchiinsa Magaalaa Kamisee keessatti murni bilxiginnaa jiraattotaan ibsaa isiniif galchina jechuun osoo hin galchiniif suuraa Obbo Ahmed Aliin eebbisiisuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Koloneel Abiy Ahimed waggoottan 6’n aangootti dhufee kaasee uummata Oromoo goyyomsuu, hidhuu, saamuu, qe’ee irraa buqqisuu fi ajjeesuu, akkasumas; dantaa siyaasaa isaa malee uummatichaaf bu’aa buusee kan hin beekne yoo ta’u,  hawaasni Oromoos goyyomsaa fi shira sirna nama nyaataa PP kana irratti baruun bilxiginnaa irraa abdii kutachuu fi akka inni uummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye himachaa jira.

Haaluma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo bulchiinsa magaalaa Kamisee keessatti Hagayya 17, 2024  lukkeeleen bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran bakka argamanitti jiraattotaan ibsaa isiniif galchina jechuun ganda 06 bakka Kunee jedhamtu piroojektii hin hojjetamne xumurreerra jedhanii suuraa Obbo Ahimed Alii achitti fannisuun suuraa biratti ka’anii uummata goyyomsaa turuu isaanii maddeen keenya gamasii ibsaniiru.

Akka jiraattotni magaalaa Kamisee ONM dubbise himanitti gandoonni ibsaa nuuf galchaa hin qabnu jechuun kadhachaa fi yeroo hedduu himachaa turan kanneen akka Irgii, ganda 02, ganda Masnoo fi ganda Migiraa yoo ta’u, murnoonni bilxiginnaa garuu osoo gandootni kun hafanii jiranii ganda tokko qofaatti galchuun suuraa itti ka’anii eebbisiisuu isaanii himan. 

Jiraattotni magaalichaas goyyomsaa fi waan xiqqoo hojjetanii suuraa ka’uun amaluma murna gabroomfataa bilxiginnaati nuuf haaraa miti jechuun miira aariin guutameen ibsaniiru.

Yeroo garaagaraatti maqaa bu’uuraalee misoomaan maallaqni humnaa olii hawaasa irraa guuramaa turuu fi dantaa mataa isaanii qofaaf akka oolfataa jiran dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version