ONM-ABO Hagayya 24, 2024
Loltoonni sirnichaa kutaalee Oromiyaa cufatti daba ilmaan Oromoo irratti raawwatamu balfuun yeroo adda addaatti mooraa diinaa onsaa akkuma jiran, godina Baha Harargee aanaa Baddaannootti milishonni PP 4 miliquun himameera.
Bulchiinsa magaalaa Furdaa keessaa loltoota sirnichaa kan ta’an milishootni 4 hoggaa dirqamaan “Farra Riphee Lolaa deemaa” jedhan diduun jalaa miliqanii jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’tti himanii jiru.
Milishonni kunneenis kanaan dura dirqamaan qabamanii milishaa akka ta’anii fi ammas dirqamaan gara leenjii farra Riphee lolaa leenji’uuf maatii isaanii dhiisanii akka du’aaf deeman yeroo itti himamutti didanii harkaa fincilanii miliquu maddeen magaalichaa itti dabaluun ONM’f himaniiru.

