• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti milishonni PP afur miliquun dhagaa’ame

Aug 24, 2024

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Loltoonni sirnichaa kutaalee Oromiyaa cufatti daba ilmaan Oromoo irratti raawwatamu balfuun yeroo adda addaatti mooraa diinaa onsaa akkuma jiran, godina Baha Harargee  aanaa Baddaannootti milishonni PP 4 miliquun himameera.

Bulchiinsa magaalaa Furdaa keessaa loltoota sirnichaa kan ta’an milishootni 4 hoggaa dirqamaan “Farra Riphee Lolaa deemaa” jedhan diduun jalaa miliqanii jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’tti himanii jiru.

Milishonni kunneenis kanaan dura dirqamaan qabamanii milishaa akka ta’anii fi ammas  dirqamaan gara leenjii farra Riphee lolaa leenji’uuf maatii isaanii dhiisanii akka du’aaf deeman yeroo itti himamutti  didanii harkaa fincilanii miliquu maddeen magaalichaa itti dabaluun ONM’f himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading