Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkootti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesee gatuun himame

ONM-ABO Hagayya 22, 2024

Murni bilxiginnaa waraana isaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa gita hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti badii tokko malee yakkanii hidhuun yeroo barbaadanitti hidhaarraa baasanii ajjeesuuun ilma nama soora allaatti taasisuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkootti loltoonnii impaayerattii nama maqaan isaa Sayid Mahaammad jedhamu jiraataa ganda Dambalii Sophee kan ta’e guyyoota muraasaan dura “WBO waliin hidhata qabda” jechuun ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti gatanii deemuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, nama kana sababa tokko malee bakka addaa Diimillee jedhamutti haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun gatanii deeman” jechuun maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version