ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Aanaa Makkoo magaalaa Makkoo ganda 01 irraa torban darbe dura nama maqaan isaa Bulchaa Araggaa jedhamu “miidiyaa hawaasaa irratti situ nu maxxansaa oola” jechuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuun, akka inni ba’uuf qarshii guddaa gaafataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, namootni maqaan isaanii:
- Darajjee Doshaa,
- Seenaa Hordofaa,
- Ayyaanaa Hordofaa,
- Mokonnon Beennachaa,
- Fedhasaa Gurmeessaa,
- Malkaamuu Guddataa fi
- Lalisee Abarraa jedhamanii fi
kanneen biroon danuu ta’an torban tokko dura kan hidhaman qarshii isaaniin jedhame kaffalanii akka ba’aniif waajjira poolisii aanichaa keessatti garmalee doorsifamaa jiraachuun barameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobba’uun, namoota hojii idilee isaanii irra jiran badii tokko malee maqaa adda addaan yakkanii erga hidhaatti darbatanii qarshii gurguddaa gaafataa jiru.

