• Tue. Mar 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Makkootti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuun maallaqa guddaa gaafataa jiraachuun ibsame

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Aanaa Makkoo magaalaa Makkoo ganda 01 irraa torban darbe dura nama maqaan isaa Bulchaa Araggaa jedhamu “miidiyaa hawaasaa irratti situ nu maxxansaa oola” jechuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuun, akka inni ba’uuf qarshii guddaa gaafataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, namootni maqaan isaanii:

  1. Darajjee Doshaa,
  2. Seenaa Hordofaa,
  3. Ayyaanaa Hordofaa, 
  4. Mokonnon Beennachaa,
  5. Fedhasaa Gurmeessaa,
  6. Malkaamuu Guddataa fi
  7. Lalisee Abarraa jedhamanii fi 

kanneen biroon danuu ta’an torban tokko dura kan hidhaman qarshii isaaniin jedhame kaffalanii akka ba’aniif waajjira poolisii aanichaa keessatti garmalee doorsifamaa jiraachuun barameera.

Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobba’uun, namoota hojii idilee isaanii irra jiran badii tokko malee maqaa adda addaan yakkanii erga hidhaatti darbatanii qarshii gurguddaa gaafataa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading