ONM-ABO Caamsaa 7, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa ergamtoonni sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa dhama’an yeroo lammaffaaf hawaasa dirqamaan irra deemanii yaasuun waajjira gandaa ijaarsisaa turuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeran.
Kana malees, lukkeeleen faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf ifaajan hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu dirqamsiisuun qarshii kuma tokko-tokko erga irraa fuudhanii booda, sangaa hawaasa jalaa qabanii qalachuun nyaatanii deemuun isaanii dabalataan ibsamee jira.
Jaleewwan kunneen yeroo fedhanitti hawaasa humnaan qabanii waan fedhan hojjechiisaa waan jiraniif, hawaasni akka itti ba’ee galu dhabee yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ifoomee jira.

