ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo magaalaa Kattaa jedhamtu irraa loltoonni faashistii PP Hagayya 24, 2025 naannoo sa’atii 8:00’tti dargaggoo maqaan isaa Suufiyaan Ahimad Umaree jedhamu qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoon kun, badii tokko kan hin qabnee fi gara Harargee Bahaa dhaqee osoo inni waan jireenyaaf isa barbaachisu bitatee gara magaalaa Baddeessaatti imalaa jiruu kan qabanii hidhan ta’uun baramee jira.
Lukkeeleen Bilxiginnaa, daandii irra dhaabbatanii hawaasa saamuu fi dararuu akka ciminaatti lakkaawwatan dargaggoo kanaan “qarshii 20,000 kaffaltu malee hin baatu” ittiin jechuun hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessa akkuma fedhan burraaquun hawaasa meesha maleessatti afaan qawwee garagalfachuun hawaasa Oromoo irratti hiraarsaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

