ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Barattoonni fayyaa Naayijeeriyaa 20 kanneen gara walga’ii osoo deemaa jiranii butaman erga butamanii torban tokkoo ol booda bilisa ta’uu poolisiin beeksiseera.
Namoonni qawwee qaban barattoota kana Hagayya 15 yeroo konfiraansii giddugala biyyattii kutaa Beniyu keessatti argamutti imalan kan qabaman yoo ta’u, boodarra furii gaafatamaniiru.
Dubbi himaan poolisii Naayijeeriyaa Olumuyiwa Adejobi Sanbata kaleessaa akka jedhanitti, “Obboleeyyan keenyaa fi lammiileen Naayijeeriyaa biroo tokko tokko bosona Nutunkon, Naannoo Beeniyu keessatti booji’amanii turan Jimaata dheengaddaa gadhiifamuu isaanii mirkaneessina jedhan.
Poolisiin kutaa biyyattii ibsa kenneen “barattoonni 20 Yunivarsiitii Mayidugurii fi Yunivarsiitii Joos irraa gadhiifamuu isaanii mirkaneessaniiru” jedheera.
Barattoonni kun “furii tokko malee” bilisa ba’aniiru. Gareen kun “tooftaa fi ogummaadhaan baraarameera” jedha Adejobi.
Hogganaan poolisii biyyattii torban kana keessa garee tooftaa “tactical squad” Naannoo Beniyu keessatti bobbaasee ture.
Barreessaan olaanaa Waldaa Barattoota Meedikaalaa Naayijeeriyaa Foorchuun Olaayee, dhaabbata oduu AFP’f gadhiifamuu kana mirkaneessaniiru. “Bilbilaan isaan haasofneerra. Nageenya qabu,” jedhan Olayeen.
Dhaabbanni gorsaa Naayijeeriyaa SBM Intelligence jedhamu, Pirezidaantiin Bola Ahimed Tinubu Caamsaa 2023 fi Amajjii 2024 aangoo qabachuu isaanii gidduutti biyyattii keessatti namootni 4,777 butamuu galmeessuu ibseera jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

