Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii aanaa Gololchaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Loltoonni bilxiginnaa kanneen uummata keessaa dhalataniif illee safuu fi safeeffannaa kan hin qabne ta’uu fi faallaa seera isaanii hojjechuun akkuma argan ilmaan Oromoo adamsanii jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Arsii aanaa Gololchaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.

Aanicha magaalaa Baroo jedhamu irraa Hagayya 22, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Ziyaad Hundii,
  2. Seeyfaa Aliyyii,
  3. Miftaahuu Wandasanii fi kanneen biroo hedduu aanicha keessaa badii tokko malee qabanii hidhuun dararaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraataan magaalichaa ONM dubbise hime.

Namoonni armaan olitti maqaan isaanii dha’ame, siyaasa kam keessa illee kan hin jirre ta’uu fi maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu” jedhuun qofa hidhaatti darbatamanii garmalee dararamaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version