ONM-ABO Hagayya 27, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa ergamtoota Bilxiginnaa jibbiinsa qabsoo Oromoo qabaniin Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun gochoota gara jabinaa hiriyaa hin qabne irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa kun namoota lama haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun ibsamee jira.
Hagayya 25, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman daangaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo jedhamtutti namoota maqaan isaanii Qalbeessaa Fayisaa fi Qixxeessaa Gichillee jedhaman haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, lamaan isaanii iyyuu ergamtoota sirnichaa ta’uun inni tokko milishaa kan ta’ee fi tokko immoo itti aanaa bulchaa ganda Andoodee Dichoo ta’uu himuun irra deddeebiin bakka kanatti finxaaleeyyiin Amaaraa ergama Bilxiginnaa irraa fudhatanii uummata Oromoo fi Amaaraa gidduutti akka nagaan hin jiraanneef hidhattoota kana fayyadamanii miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.
Sababa rakkoo kanaanis namootni sodaa lubbuu isaaniif naannicha gadhiisaa jiraachuu jiraattotni dabaluun himaniiru.

